News

Shirri Godina Gujii bahaatti Boorana irratti geggeeffamaa jiru maali?

By , November 23, 2021 7:44 pm

Ummata Booranaafi Gujii jidduu rakkootti jiraa? IYYOO!

Booranaafi Gujii

Namoonni tokko tokko rakkoo Boorana Liiban irratti geggeeffamaa jiru yeroo kaafnu haala sirriin hubachaa waan jiran hin fakkaatan. Kanaaf haala jiru isaniif balballoomsuu barbaade.
Booranaafi Gujiin warra takkaadha! Waldhala! Warra waliin jiraatu! Warra wal halkumatee ilmee walti dhale! Warra waliin jiraatee wal jiraachisu! Warra riqicha tayee rakkoo wal baasu! Warra yoo tokko rakkate ykn dadhabe walbaatee malkaa waldabarsu. Ummata lamaan jidduu rakkoon takkalleen hin jirtu!Ummata Booranaafi Gujii jidduu rakkoon tokkolleen hin jirtu. Fkn Ummanni Gujii bona Boorana harkaa qabu kanas waan danad’uun Booranaaf birmachaa jira. Fichaa (oobruu) midhaan irraa galaniifi kaloo qabu waliin dheedaa jira.
Horii Booranaa kha godaanee dhufes yoo namni nagaa boorrssuu fedhu hatus, jaarsii jaratiin diqqaa guddaan Gujii lixaa barbaadee galchaa jira. Fkn Loon aabba Huqqaa Boruu kha horii 18 hattuun ardaa baddaa Magaadaati fudhttes ummanni hordofee barbaadaa jira. Horaa Bulaa Nagaan tikadhaa akkanuma wal jabeessaa jenna.

Rakkoon jirtu finna(bulchiinsa) godina Gujii Bahaati. Godinni Gujii Bahaa Sumaaleen wal daangessa. Lafa balloo godina Gujii Bahaa kan aanalee Gammoojjii baay’inaan qubatee kan jiru Booranaadha. Kan lola daangaa yeroo adda addaa irratti wareegamee lubbuu dagee daangaa Oromiyaa tissee armaan gaye Boorana aanaa Liiban, aanaa Gumii Eeldalloofi magaalaa Nageellee Booranaati. Kanas Booranni akkuma waraanni abbaa itti aanu nyaataa jedhan san ummata naannoo sanaatin maaliif nuuf hin birmatin jedhee hin gaafanne. Gaafachuu miti; yeroo kabineen godinicha namni poolisii ka dhaloota Oromoo Gujii tokko daangaa irratti wareegamnaan; inni Booranaa mitii maaliif ijjeeftan jettee sumaaleerraa gumaa fudhattes Booranni hin dubbanne. Horii Sumaaleen Boorana irraa fudhattu; kabineefi Naggaadeen godina Gujii Bahaa waliin gurguratti. Meeshaa Sumaaleen Booranaan haatu; godina Gujii Bahaatu gumaachaa ture. Yeroo kabineen kana hundaa raawwattus ummanni keenna kha Gujii waan akka wareegaaf raashiniitinis adoo taatee obboleessa isaa daangaa irratti wareegamuuf deeggarsa godheera, gocha kabineen raawwattus mormee gumaa hin fudhannus jedhee mormuuf yaaleera. Faallaa kanaa kaineen godina Gujii Bahaa dhalataa Booranaa ykn Gujii ykns Oromoo biroos taye Boorana Liiban irratti shira hamaa xaaxuun waggooni 15n dabraniifi keessa jirru Boorana Liibanitiif yaaddoo hamtuu ta’aniiru. Booranni kana guutuu obsee waggoota 15f jiraachaa turee hardha gaye.

Wanti amma bifa jijjiirratee ummata harkaa qabu maali yoo jenne? Siyaasaa bara 2018 as uumamteedha. Gaafa simannaa ABO sana as takka hin garreen ummata Liiban irratti dhalatte. Booranni Dirree waggaa 30f dirree waraanaa ture. Kan Liiban waggoota 3f dirree waraanaatti jijjiirame.

Jalqabbii waggoota 2019 as godinicha keessaatti sochiin WBO jabaate; Ennaa sochiin kun jalqabee eegalee; shirrii hamaan Boorana Liiban irratti geggeeffame.
Yeroo hundumtuu wal jaalatu kan WBO irrattis shororkeessaa maqaan jedhu hin labsamin sochii WBO godina Gujii , WBO Gujii keessa sosso’u jedhanii leellisuu eegalan. Gaafa dubbiin jijjiiramee hunduu waldhabu dubbii garagalchanii Booranni shiftaadha jechuu eegalan. Yoo waraanni wal hadhus akka waan Booranni nama hadheetti himuu jalqaban. Gabaasni Oromiyaaf ergamu martu kan ittiin Boorana miidhan ture.
Qaamolee mootummaa ol aanoo Jen. Birhaanuu Juulaatii haga obbo Shimmalles Abdiisaa akka waan Booranni Liiban hunduu hidhatee bosona jiruutti hubachiisaa turan. Warrrii hundumtuu Booranni hunduu Cibraa Soddom Boorooti, warra kana balleessinaa jechuun hayyayyaa keeyyachaa turan. Kana kan tolche ammoo shira bulchiinsa godina Gujii Bahaati. Fakkeennaaf yoo kaase;
Weerara qaamni waraana mootummaa Xoophiyaa horsiisee bultoota Oromoo Booranaa godina Gujii Bahaa aanaa Gumii Eeldalloo ganda Dibbeetti geggeesseen;
-➤ Lubbuun nama tokko baateera
-➤Manneen 18 gubataniiru
-➤ Madhaa maatiin manneen 30 ol buqqifamaniiru
-➤ Horiin Loon, Gaalaa, re’een karra hedduu akka dannabaa fuudhamanii ganda Booba jedhamutti walitti qabamaniiru.
➣Eebila 16, 2020 godina Gujii Bahaa horsiisee bultoota Oromoo Booranaa aanaa Liiban ganda Dhakaa Qallaa irratti qaama waraana mootummaa xoophiyaatin weerarri walfakkaatan raawwatameera. Weerara kanaan:

  • ➔Manneen lama gubataniiru
  • ➔Horiin akkuma dannabaa fuudhamee madhaa maatii waliin hidhame.
  • ➔Madhaa maatiin manneen 15 ol buqqifamaniiru .
    ➣Eebila 14-17, godina Gujii Bahaa magaalaa Nageellee Booranaa keessaatti Oromoonni Booranaafi Gujii 250 ol tahan hidhamaniiru.
  • Namoonni hidhaman kunneen kabinee, hojjattoota mootummaa, jaarrolee biyyaa, qaamota seeraa, nadheenii ijoollee adoo hin jedhin walii galaa hidhaa jimlaan akka hidhaman jiraattoonni ni dubbatu.
    Dabalataan namoota hidhaman kanneen keesaa:
  • ➥Nadheen uulmaatti jira.
    Huwwiitti uulmaa Darmii Tukkisee jedhamti. Haga deettee/ssee bultii 7 bulte.
  • ➥Huwwooleen 11 haawwan daa’ima hoosisaa jiraniidha.
  • ➥Huwwiittiin tokko ta Lemlem jedhamtu ulfaa ji’a sagaliiti. Da’uuf halkan alatti hin hamneef!
    ➶Gurraandhala 08,2020 aanaa Gumii Eeldalloo gandaa Malkaa Gubaatti Haroo Goollichaa tika horii keessaa fuudhanii ijjeesan.
    ➶Gurraandhala 11,2020 nama huwwaa Darmii Boruu Diidoo jedhamtu aanaa Gumii Eeldalloo magaalaa ardaa Madheeraatti ijjeesan.
    ➶Caamsaa 02,2020 aabba Qaallicha Qumbii magaalaa Nageellee Booranaa keellaa guddicha gubbaatti galaafatan.
    ….. hin xummuramne fkn kaase malee.

Gabaabumatti bulchiinsi Godina Gujii Sumaalee wajiin haala daldalaa mijeeffachuuf Boorana Liiban lafa sana irraa kaasuu barbaada! Kanaaf ammoo maqaan isaan itti fayyadaman maqaa shanee jedhuudha.
Fkn yoo isiniif kaase;
Riqicha Boorana Liibaniifi Dirree walqunnamsiisu ; biloonii hiikkanii, akka inni bishaaniin fudhatamu godhan. Itti milkaa’anii riqichis bishaaniin fudhatame.
Xiqqoo turanii; Engineera riqicha sana deebisanii dhaabuuf hojjachiisaa ture dabalatanii; namoota riqicha deebisanii ijaaraa jiran hedduu fixan. Waan Boorana Liiban rakkisuuf hojjatan kana maraa shaneetti godhee jedhanii quba achi qabu. Shanees yoo taye kanuma jarrii jaarratee bosonatti galfate yoo hin tayin qaamni anin ummataaf qabsaa’aa jedhu gocha akkanaa waan raawwatu natti hin fakkaatu.
Ammas qaamni hidhate kun lamaan ollaa Booranaa keessaatti wal hadha. Achii booddee hidhataafi poolisiin godinichaa ollaa Booranaa ibiddaan barbadeessa. Iddoo takka takkatti qaamoleen walitti dhuqaasan lamaan akka waan fiilmii hojjataniitti dhuqaasanii dafanii adda bahu, kan gidduutti ukkaamfamee miidhamaa oolu ummata.

Godina Gujii Bahaa aanaalee 10 ol qabu keessaa aanaleen tajaajillii namummaa irraa dhowwame kan Booranni keessa jiraatu qofaadha.
Aanalee Liibaniifi Gumii Eeldalloo keessaa osoo dhuqaasni takkaleen hin banamin qaama nageennaa godina Gujii Bahaa maraa kaasan. Poolisiin humna addaafi poolisiin idilees barii takka lafaa kaatee meeshaa itti fayyadamtu maraa gubdee aanaalee lamaan keessaa baate. Booranni namni aangoo siyaasaa bulchiinsa gareetii hanga aanaa keessa jiru martuu isaan gula baqate. Achii booddee bakka isaan baqataniif maraa waraanni bosona jiru qabate. Ummanni Booranaa irra caalaan ammoo horsiisee bulaa waan tayeef gara baqatu hin qabuu horii waliin hafe. Qaamni bulchiinsa godina Gujii kan kaleessa qaamolee nageenyaa maraa achii kaase; hardha ammoo as deebiyee diina filatanii shanee keessaatti hafan jechuun Boorana Liiban aanaalee Gumii Eeldalloofi Liiban irratti waraana labse. Kana nama ahaayibu ummata Booranaa kan baqatee magaalaa Nageellee Booranaa jiru irrattis halkan guutuu dhuqaasaatti banama. Qaamni dhuqaasa kana banu hin beekkamu. Bifa kanaan ummanni waaroo baqattummaaf dhaabate keessaas nagaan buluu dadhabe. Magaalaa Nageellee Booranaa osoo mooraan waraanaa baay’een jirtuu; mana nama dhuunfaafi ollaa Booranaa irratti dhuqaasni banama. Shaneetu lola banee jedhama malee; shaneen Boorana addatti baasee weeraru kun eennu yoo jedhan wantii ifaa hin jirtu. Wantii martii GAME ummata Booranaa ittiin Liiban keessaa baasan qofa taatee mul’atti. Yoo akka tasaa waraana magaalicha keessaa yookaan dirree irrattis namni sabaa biraa kan Boorana hin tayin gama mootummaatii miidhamu; shaneen Booranaa, Booranaatti nama keenna ijjeese jedhanii Boorana magaalaa qubatu irratti aaloo bahu. Kan horii keessa waa bitataa magaala dhufu, shanee ykn maatii shanee jedhanii dhaanichaaf ajjeechaan irratti raawwatama. Kan magaala irraa gara horii deemu gara shanee deemaa, shaneef raashinii geessa jedhamee ijjeeffama. Kan gochaan ummata kana irratti geggeffamu sirrii miti jedhee gaaffii kaasu; halkan qaama hin beekkamneen ijjeefama, ykn sossodachiisanii baqatee ardaa sunii baha. Bifa kanaan Waggaa sadan as aanaan keessaatti namni Booranaa shira kanaan lubbuun isaa dabre 105 ol gahee jira. Kan sababa kanaan madaahan 20 gahanii jiru. Kan qayeefi qabeenna irraa buqqa’an 300,000 ol dhaqqabaniiru.
Manneen gubatan 5000 ol
Manneen barannootaa cufaman 35 ol
Mannen fayyaa cufaman 18 ol yoo tahan aanaa Liiban gandoonni waggaa haaressa Amajii,2022 kana keessa qofa ibiddaan qubataniifi ummanni irraa buqqaye walitti;
Ganda;
Maarshaa
Mugaayoo
Burraa Dheeraa
Dhakaa Qallaa
Goobichaafi
Ganda 03 ardaa Tafanaqaayii, Gabayaa looniifi Hara Booraati.
Ummanni kun hundinuu qayeefi qabeenna isaa irraa buqqayee jira. Ummata gandoota Maarshaa, Mugaayoo, Dhakaa Qallaafi Burraa dheeraa irraa manneen 250 ol gubatanii jiru. Namoonni hedduun hidhamanii, baay’een rasaasan rukutamaniiru! Gabaabumatti gochaan adeemsifamaa jiru kan Ummata Oromoo lamaan gidduu osoo hin taanee; shira bulchiinsii godina Gujii Bahaa maqaa shanee jedhu ummatatti baasee Boorana Liiban irratti geggeeffamaa jiru ta’u hunduu hubachuu qaba!

Falli jiru maali?
MALAAF MARII
GAADDISA ABBOOTII GADAA BOORANAAFI GUJII
HAALDUREE TOKKO MALEE BOORANA LIIBAN AANAA GUMII EELDALLOOFI LIIBANITIIF GARGAARSA NAMUMMAA GAD DHIISUU
WARRII BIYYA BULCHU GAAFFII BOORANAA YEROO DHEERAA TURTE DEEBII ITTI LAACHUU

AABBOO Waaqii aadaa Dhugaan,Boorana ardaan Liiban DHUGAA ummata kanaa calalasinna!

Boru Galgalo